Fana: At a Speed of Life!

Filannoon waliigalaa 7ffaan dirree walqixxummaa uume, mirga filachuu fi filatamuu mirkaneesse

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan dirree walqixxummaa mirga filachuu fi filatamuu Heera mootummaa kutaalee hawaasaa mirkaneessee jira jedhan Ministirri Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Aliin.

Adeemsi filannichaa sona hirmaannaa siyaasaa dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa mirkaneessuu danda’u uumeera jedhan.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti uummanni filachuuf galmaa’e daran olaanaa ta’uun adeemsi filannichaa hirmaachisaa ta’uu agarsiisa jedhan.

Filannicha amanamaa, nagaa qabeessaa fi diimokiraatawaa taasisuuf hojiileen hubannoo cimsuu hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Lammiileen Paartii biyya ceesisuu danda’uuf sagalee isaanii kennuu akka qaban hubachiisuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.