Kutaalee Magaalaa Sulultaa fi Mana Abbichuutti Piroojektoonni garaagaraa eebbifaman
Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa Sulultaa fi Mana Abbichuutti Piroojektoonni garaagaraa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an.
Hospitaalli Waliigalaa Sulultaa Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 93 oliin ijaarame tajaajilaaf banaa ta’eera.
Hospitaalichi ijaarsa isaa dabalatee meeshaalee ammayyaa’aafi paakeejii guutuun waliigala Birrii miiliyoona 800’n tajaajilaaf gaheera.
Akkasuma Buufatni Fayyaa Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Aanaa Tufaa Munaatti Birrii miliyoona 100 fi miiliyoona 90 oliin ijaarame tajaajilaaf banaa ta’eera.
Piroojeektiiwwan kunneenis kenna tajaajila yaala fayyaa si’ataafi dhaqqabamaa taasisuun rakkoowwan hawaasaa kan furaniidha.
Piroojektoonni bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan biroonis eebbifamaa jiru.
Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa dabalatee hoggantoonnii fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamuu Waajjirrri Kominikeeshinii magaalichaa Faanaa Dijitaalitti himeera.
#Oromia #Ethiopia