Hojimaanni haleellaa waqtii filannoo dubartoota irra gahu ittisuuf dandeessisu ragga’e
Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hojimaata haleellaa waqtii filannoo dubartoota irra gahu ittisuuf, galmeessuufi deebii barbaachisaa kennuuf dandeessisu guyyaa har’aa raggaasiseera.
Sanadni kun wayita haleellaan kun mudatu deebii hatattamaa kennuufi itti gaafatamummaa qaamolee qooda fudhattootaa adda baasuuf yaadamee akka qophaa’e ibsameera.
Waltajjicharratti Boordii Filannoo Biyyaalessaa dabalatee Ministeerri Haqaa, Komishiniin Poolisii Federaalaa, Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa akkasumas dhaabbileen 10 itti gaafatamummaa isaanii kutannoon bahachuuf mallatteessaniiru.
Walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu wayita kana, sanadichi waqtii filannoo nageenya, kabaja, walqixxummaafi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf yaadamee akka qophaa’e eeraniiru.
Hirmaannaa siyaasaa dubartootaa fooyyessuuf haleellaawwan koorniyaa ittisuun fi deebii barbaachisaa kennuun murteessaa ta’uu kaasanii, dhaabbileen mallatteessan qindoominaafi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan Boordicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia