Manni marichaa adeemsa filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa irratti mari’ate
Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa yaa’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen adeemsa filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa irratti bal’inaan mari’ateera.
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa galmoota qabamaniin milkeessuun mootummaa ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf hunduu gahee isaa bahachuu akka qaban ka’ee jira.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Filannoon Waliigalaa marsaa 7ffaa dimokiraatawaa, bilisaa, haqa qabeessaa fi amanamaa akka ta’uuf kutannoon akka hojjetan waliigalaniiru.
Adeemsi filannoo hanga ammaatti jiru qaawwa xixxiqqaa ala bilisaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Mootummaan naannichaa fi paartiin biyya bulchaa jirus milkaa’ina hojii kanaatif dirree siyaasaa bal’isuun gamatti, baajataa fi loojistikiiwwan barbaachisoo ta’an mijeessuudhaan Paartileen siyaasaa gumaacha isaanirraa eeggamu akka bahatan taasisaa jiraachuu maree kanaan ka’eera.
Adeemsa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa yeroo yeroon qorachaa yaadaafi qeeqa isaanii karaa bilisa ta’een dhiyeeffachaa kan jiran yoo ta’u, komiiwwan darbee darbee mul’atan dhugaa lafarra jiru faana ilaaludhaan mariin furmaata akka argatan taasisuurrattis hojjataa turaniiru.
Itti Aanaan Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa fi bakka bu’aan Paartii Badhaadhinaa obbo Mogos Ida’ee marii kana irratti ergaa dabarsaniin, akka Paartii Badhaadhinaattis ta’ee akka mana maree waloo Paartilee siyaasaatti filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa hanga xumuraatti nagaa, dimokiraatawaa, bilisaa fi haqa qabeessa akka ta’u kutannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu himan.
Paartileen siyaasaa kunniin karaa tumsaa fi dorgommiirratti hundaa’en adeemsa filannichaa nagaa gochuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti adeemsi filannoo nagaa fi dimokiraatawaa ta’e kun guyyaa filannoo fi filannoo bariis nagaa akka ta’uu fi sagaleen ummataa kabajamuuf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu waadaa galaniiru.
Qaamolee daandii nagaa fi seeraa ala socha’uun adeemsa filannoo danquufi jeequf, akkasumas maqaa gaarii biyyaa xureessu fi adeemsa filannichaa gurraachessuuf socho’an hunda waloon qolachuuf kan qabsaa’aniifi balaaleffatan ta’uu irratti waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia