Poolisiin Federaalaa ga’umsa gochaalee farreen nageenyaa fashaaleessu horateera – Pireezidaanti Taayyee
Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa ga’umsa gochaalee farreen nageenyaa fashaaleessuu danda’u horateera jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa kaadhimamtoota Qondaaltoota Poolisii sagantaalee garaagaraan leenjisaa ture eebbisiiseera.
Poolisiin Federaalaa hidhannoo ammayyaa hidhachuun dhaabbata milkaa’ina olaanaa galmeesse ta’eera jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Kanaanis gochaalee farreen nageenyaa fashaaleessuun ga’umsa isaa qabatamaan mirkanassuu ibsan.
Dhaabbanni buleessi kun ogeeyyii ga’umsa qaban horachuurratti qooda olaanaa bahataa jiraachuu kaasan.
Wandimmuu Addunyaatiin
#Oromia #Ethiopia