Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa loogiiirraa bilisa ta’ee fi naamusa Loltummaa qabutu ijaaramaa Jira – Komiishinara Jeneraalaa Damallaash G/Mikaa’el

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC)- Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komiishinarri Jeneraalaa Damallaash Gabra-Mikaa’el, Raayyaan ilaalchaa fi caasaan loogii irraa bilisoomee ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa qondaaltota kaadhimamtoota dandeettii adda addaatiin leenjisaa ture har’a eebbisiiseera.

Komiishinar Jeneraal Damallaash yeroo kanatti akka jedhanitti, shoorri yuunivarsiitichi taphachaa jiru seenaa poolisii keessatti boqonnaa guddaa dha; eebbi har’aas bu’aa hojiirra oolmaa rifoormichaa ti.

Dhaabbatichi dandeettii raawwachiisummaa cimaa amma qabuun, Intarpoolii fi dhaabbilee poolisii idil-addunyaa biroo keessatti kallattiin hirmaachuun shoora dursummaa taphachuu danda’eera jedhan.

Humna namaa leenji’e, teeknoolojii fi meesshaa ammayyaatiin kan gurmaa’e waan ta’eef, shira diinaa fi gantootaan xaxamu yeroo gabaabaa keessatti fashaleessuun abjuu isaanii karaatti hambisuu danda’uus yaadachiisaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.