Fana: At a Speed of Life!

Nikoo Oraayiliin badhaasa taphataa dargaggeessa cimaa Piriimiyeer Liigii Ingilaandi injifate

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Taphataan lammii Ingilaandi kilaba Maanchistar Siitii Nikoo Oraayilii badhaasa taphataa dargaggeessa cimaa Piriimiyeer Liigii Ingilaandi injifateera.

Taphataan umrii waggaa 21 akkaadaamii kilabichaa keessaa bahe kun sagalee deeggartoota biraa sassaabameen badhaasa taphata dargaggootaa cimaa bara kanaan badhaafamuu danda’eera.

Piriimiyeer Liigichaa keessatti taphoota 37 Maanchistar Siitiin taphate keessaa taphoota 34 irratti hirmaachuu kan danda’e Nikoo Oraayiliin, gooliiwwan shan galchuun gooliiwwan sadii ammoo miijeessee kenneera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.