Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo Magaalaa Mattuutti Duula na filadhaa gaggeesse

Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC) – Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo Magaalaa Mattuutti Duula na filadhaa gaggeesseera.
Duula na filadhaa kanaanis paartiichi tarsiimoo isaa hawaasatti beeksiseera.

Paartii Adda Bilisummaa Oromootti kaadhimamaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taarikuu Firriisaa paartiin isaanii tarsiimoowwan gurguddoo jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessan qabatee filannoof dhiyaachuu himaniiru.

Hoji-dhabdootaaf carraa hojii bal’aa uumuuf cimee akka hojjetus ibsaniiru.

Deeggartonniifi miseensonni Adda Bilisummaa Oromoos paartichi dorgommiitti dhiyaatee bilisummaan duula na filadhaa gaggeessuun mootummaan dirree siyaasaafi dimokiraasii bal’isuu agarsiisa jechuu isaanii OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.