Godinaalee garaagaraatti Piroojektoonni misoomaa eebbifaman
Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti Piroojektoonni misoomaa garaagaraa eebbifamaniiru.
Magaalaa Mojootti Pirojektoonni misoomaa 69 ta’an Birrii miliyoona 600 oliin ijaaraman tajaajila kennuu eegalaniiru.
Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuu Magaalaa Dhaddacha Rarrasaattis pirojektiin bishaan dhugaatii namaafi loonii Birrii miiliyoona 900 oliin hojjetame eebbifamuun tajaajila eegaleera.
Pirojektiin kun namoota kuma 46fi 161 ol, akkasuma loon kuma 37 oliif tajaajila kennuu danda’a jedhame.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Aggaarootti Pirojektoonni adda addaa eebbifamuun tajaajila kennuu eegalaniiru.
Giddugala Indaastirii godoo, misooma qarqara Lagaa, Mana qorichaa hospitaala Aggaaroofi Istaadiyeemii Magaalaa Aggaaroo haaromfame dabalatee pirojektoonni garagaraa 28 ta’an Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 50 oliin hojjetamaa turan xumuramuun eebbifamaniiru.
Godina Boorana Bahaa Aanaa Liibanii fi Gooroo Doolaattis pirojektoonni Finnaa lama Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 18 oliin hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf banamuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia