Hospiitaala Laaftoo tajaajilaaf baname
Finfinnee, Caamsaa 18, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hospitaala Laaftoo eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Imaammata fayyaa Itiyoophiyaa fooyya’e kan ittisaafi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate bu’uura godhachuun, biyya keenya bakka ga’umsa turizimii yaalaa filatamaa taasisuuf, akkasumas sharafa alaa ol’aanaa yaalaaf gara biyya alaatti ba’u hir’isuuf mul’ata qabannee fi ijaarsa dhaabbilee tajaajilaa akkanaa itti fufsiisuuf Hospitaalli Laaftoo boqonnaa ce’umsaa guddaadha jedhan.
Lafa hektara 5.4 irratti kan qubate hospitaalli ammayyaafi guddichi Laaftoo, humna baay’ee ammayyaa ta’anitti fayyadamuun akka dhibee kaansarii, dhibee onnee walxaxaa fi haalota yaalaa walqabatan irratti tajaajila yaalaa sadarkaa idil-addunyaa kan kennu yoo ta’u, lammiileen asuma biyya isaanii keessatti tajaajila yaalaa addaa akka argatan kan dandeessisu ta’uu ibsan.
Dhaabbanni guddaan kun kenniinsa tajaajila yaalaa jijjiiruu qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaan dameewwan hundaan of danda’uufi guddina biyyaalessaatiif kutannoo cimaa qabdu argisiisuuf ragaa jiraataa ta’uus hubachiisan.
#EthiopiaDelivers