Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsi qonnaa Godina Booranaa Bahaatti raawwatamaa jiru, imala Itiyoophiyaan midhaan nyaataan of danda’uuf taasiftuuf ragaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018 (FMC) – Ce’umsi qonnaa Godina Booranaa Bahaatti raawwatamaa jiru, imala Itiyoophiyaan midhaan nyaataan of danda’uuf taasiftuuf ragaadha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ce’umsi qonnaa Godina Booranaa Bahaatti mul’achaa jiru imala Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uuf taasiftuuf ragaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa qonnaan bultoonni lafa heektaara kuma 100 fi kuma 76 fi 223 misoomsuu eeruun, kanarraas oomishni kuntaalli miiliyoonni 3.1 ni eegama jedhan.

Abbootii fi haadholii warraa kuma 100 fi kuma 1 ol hirmaachisuun fi tiraaktaroota ammayyaa fayyadamuun qonna kilaastaraa qindaa’aan qabeenya kuufamaa keenya gara oomishtummaatti jijjiiraa jirra jechuun ibsaniiru.

Kilaastara qamadii babal’aa Godina Boorana Bahaa aanaa Liibanitti argamu irraa kaasee oomishaaleen ijoon Xaafii, Boqqolloo fi Boloqqee bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuus kaasaniiru.

Kunis imala dhiyeessii nyaataa mirkaneessaa jiraachuu keenyaaf ragaa qabatamaadha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.