Aanaa Goomoleetti ijarsi pirojektoota hidhawwan jallisii xumuramuun boqonnaa bu’uuraalee misoomaa bishaanii mirkaneessuu agarsiisa- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Godina Booranaa Aanaa Goomoleetti ijarsi pirojektoota hidhawwan jallisii xumuramuun boqonnaa guddaa bu’uuraalee misoomaa bishaanii mirkaneessuu agarsiisa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirojektii misooma jallisii Finnaa Oromiyaan Godina Booranaa aanaa Goomoleetti ijaarsi hidhawwan jallisii xumuramuun boqonnaa guddaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufi bu’uuraalee misoomaa bishaanii mirkaneessuu agarsiisa jedhaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa baay’ee barbaachisaa ta’e kun Dasee Gooraatti kuufama bishaanii olaanaa meetir kiyuubii miiliyoona 100 fi miiliyoona 90 ol qabachuu kan danda’u yoo ta’u, dhiyeessiin bishaanii amansiisaafi walitti fufiinsa qabu akka jiraatu godha jedhan.
Dabalataanis pirojektoonni kunneen lafa heektaara kuma 14 fi 500 ol jallisiin misoomsuuf dandeettii qabaachuu kaasanii, tokkoon tokkoo maatii kallattiin deeggaruuf, oomisha midhaanii cimsuufi qabeenya bishaanii beelladaaf ta’u akka mirkaneessan ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia