Pirojektiin bishaanii Galceet Sariitee jireenya jiraattota godinaalee Boorana Bahaafi Booranaa jijjiiraa jira- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 19, 2018 (FMC) – Pirojektiin bishaanii Galceet Sariitee jireenya jiraattota godinaalee Boorana Bahaafi Booranaa jijjiiraa jira jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirojektiin dhiyeessii bishaanii Galceet Sariitee guddichi hawaasaaf dhiyeessii bishaan dhugaatii amanamaa waliin gahuun jireenya jiraattota godinaalee Boorana Bahaafi Booranaa jijjiiraa jira jedhaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa bishaanii sararoota ujummoo bishaanii kiilomeetira hedduutti lakkaa’aman, buufataalee raabsaa bishaanii ammayyaafi kuusaawwan bishaanii babal’aan ijaaramaa jiraachuu eeranii, kunis hongee qolachuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.
Faayyaa uummataa eegaa, dandeettii jireenyaa jiraattotaa cimsaa dandeettii qonnaa dhaloonni egereen itti fayyadamu qopheessaa jirra jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia