Sagaleen keenya gatii guddaa qaba- Jiraattota magaalichaa
Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Filannoo Waliigalaa 7ffaan carraa waggoottan shanan dhufanii Itiyoophiyaa murteessuuf sagaleen keenya gatii guddaa qaba jedhan jiraattonni magaalaa Samaraa.
Jiraattonni kunneen paartii guddina biyyaaf ni hojjetan jedhan filachuuf qophaa’uu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.
Paartii guddinaafi nageenya biyyaa fiduu danda’u filachuuf guyyaa sagaleen itti kennamu hawwii guddaan eegaa jirra jedhan.
Carraa waggoota shanan dhufanii biyyattii murteessuun kan danda’amu sagalee lammiileen ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaanonni hundi kenniinsa sagalee irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia