Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti buufataaleen filannoo meeshaalee filannoo fudhachaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Filannoo Waliigalaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffamuuf buufataaleen filannoo Godina Baalee meeshaalee filannoo fudhachaa jiru.

Naannolee Filannoo godinichatti argaman shanan keessaa naannoon Filannoo Sinaanaa tokko yoo ta’u buufataalee filannoo isa jala jiraniif meeshaalee filannoo raabsaa jiraachuu Itti gaafatamaan Naannoo Filannoo Sinaanaa obbo Tashoomaa Asaffaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Raabsaa meeshaalee kanneenii guyyaa har’aa xumuruuf hordoffii barbaachisaan taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.