Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Filannoo Gimbiitti meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Godina Wallagga Lixaa naannoo filannoo Gimbiitti meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru.

Naannoo filannoo Gimbiitti meeshaaleen sagalee kennuuf barbaachisan raabsamaa jiraachuu Qindeessaan Naannoo Filannichaa Kabbadaa Baqqalaan ibsaniiru.

Buufataalee filannoo naannoo filannichaa jala jiran 84’f guyyaa dheengaddaa irraa kaasee meeshaaleen filannoo raabsamaa kan jiran yoo ta’u, buufataalee hafaniifis guyyaa har’aa yeroon waliingahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Raawwachiistota filannoo buufataalee filannoo naannoo filannichaa jala jiran 336’f leenjii barbaachisaan kennamuun bobbaafamuu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.