IGAD Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaaf taajjabdoota filannoo 26 bobbaase
Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afriikaa (IGAD) Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaaf taajjabdoota filannoo 26 bobbaaseera jedhe.
Daayrektarri Damee Nageenyaafi Tasgabbii dhaabbatichaa Koomaandar Abbabaa Muluneeh akka jedhanitti, adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa taajjabuuf taajjabdoonni biyyoota dhaabbatichaa irraa walitti babba’an 26 bobbaafamaniiru.
Taajjabdoonni kunneen ogeeyyii bu’uura danbii ittiin bulmaataa taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaan boordii filannoo biyyoota miseensaafi dhaabbilee hawaasa siiviilii, gurmaa’iinsota dargaggootaafi dubartootaa waliin kallattiin kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
Haaluma Kanaan taajjabdoota kanneeniif ogeeyyiifi hoggantoota Boordii Filannoo dabalatee iddoowwan filtamanitti bobbiin taajjabdummaa kennamuufii dubbataniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qophii filannoon duraa filannoo waliigalaaf taasiseen ulaagaa taajjabdummaa darbuun galmee gaggeessuun fi waadaa seenuun gara hojiitti galuus ibsuusanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia