Mootummaa bakka nu bu’u filachuuf guyyaa sagaleen itti kennamu eegaa jirra- Jiraattota Magaalaa Beddellee
Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Kaardii filannoo keenyaan mootummaa bakka nu bu’u filachuuf guyyaa sagaleen itti kennamu eegaa jirra jedhan jiraattonni Godina Bunnoo Beddellee magaalaa Beddellee.
Sagaleen isaanii ijaarsa sirna diimookirasii keessatti faayidaa qabaachuu kan dubbatan jiraattonni kunneen, filannoo waliigalaa 7ffaaf guyyaa sagaleen itti kennamu hawwii guddaan eegaa akka jiran ibsaniiru.
Lammiileen biyyattii guyyaa filannoo sagalee isaanii kennuun hirmaannaa ho’aa akka taasisanis dhaamaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia