Naannoo Filannoo Goommaa 2’tti raabsaan meeshaalee filannoo xumurame
Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Buufataalee filannoo Naannoo Filannoo Goommaa 2 jala jiranitti hojiin raabsaa meeshaalee filannoo xumurameera jedhe Waajjirri Naannoo Filannichaa.
Itti gaafatamaan Waajjira Naannoo Filannichaa Baashaayee Masfin, Naannoo Filannichaa jala buufataaleen filannoo 87 jiraachuu eeranii, meeshaaleen filannoof barbaachisan gara buufataalee filannoo hundatti raabsamuu ibsaniiru.
Buufataalee filannoo hundatti qophiin iddoo kenniinsa sagaleef barbaachisan hojjetamaa jiraachuus eeruu isaanii Kominikeeshiniin Magaalaa Aggaaroo Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia