Gamtaan Afrikaa fi IGAD adeemsa diimokiraasii Itiyoophiyaa akka deggeran mirkaneessan
Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa(IGAD) adeemsa diimokiraasii Itiyoophiyaa akka deggeran mirkaneessaniiru.
Dursaa garee Taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa kan ta’an pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa fi dursaan garee Taajjabdootaa IGAD Ispeesiiyoozaa Waandiraa Kaaziibwee filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee mari’ataniiru.
Maree isaaniinis, adeemsa filannoon duraa, bobbii taajjabdoota filannoo, akkasumas dhimmoota taajjabdoonni qindoominaan itti hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaan adeemsi filannichaa naga-qabeessa, amanamaa, ifaafi hammataa akka ta’uuf akka deggeran mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia