Naannoo Filannoo Shaashamanneetti qophiin sagalee kennuu taasifamaa jira
Naannoo Filannoo Shaashamanneetti Filaannoo Waliigalaa 7ffaaf qophiin sagalee kennuu taasifamaa jira.
Naannoo Filannoo Shaashamannee Lakkoofsa tokkoo Buufataa Filaannoo Magazanaa Waasihuunitti jiraattooni sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru.
Filattoonni sagalee isaanii kennuuf dursanii argamaniiru.
Tajjaabdoonni, raawwachiistoonnii filaannoo adeemsa filaannoo sagalee kennuuf barbaachiisu hunda Xumuranii sa’aatii jalqabbii eegaa jiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.