Fana: At a Speed of Life!

Uummata Itiyoophiyaa pirooppogaandaa xixiqaan jilbeenfachiisuun hin danda’amu- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018(FMC)- Uummata Itiyoophiyaa pirooppogaandaa xixiqaan jilbeenfachiisuun hin danda’amu jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Filannoo Waliigalaa 7ffaan wayita sagalee isaanii kennan akka jedhanitti, miirri gootummaa uummanni biyyattii ganama irraa eegalee hiriira qabachuun agarsiisaa jiru kan dinqisiifatamudha.

Tarkaanfii uummanni agarsiisaa jiru kun fedhii cimaa ijaarsa sirna diimokiraasiifi biyyaaf qabu kan agarsiisu ta’uu eeruun, uummanni Itiyoophiyaa murtoo isaa murteeffachuuf kan isa gorsu akka hin barbaachisne qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan.

Qaamoleen uummanni kutannoofi karaa diimokiraatawaan filatuun amantaa uummataaf amanamuun, harkiifi lapheen isaanii quqlulluu ta’ee dadhabne nuffine osoo hin jedhiin seenaa jijjiiruuf hammam qophiidha dhimmi jedhu xiyyeeffannoo olaanaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Waggoonni shanan itti aanan hanga yoonaatti kan hojjetameen olitti hojii gaarii, carraaqqii, yaaduu fi ida’amuu gaafata jedhaniiru.
Bu’aa murtoo uummataa kamiinuu fudhachuu qophiidha jedhanii, qaamoleen filannichaan injifatan amanamummaan akka tajaajilan, kanneen injifataman ammoo bu’aasaa akka fudhatan dhaamaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.