Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi filannoo Naannoo Filannoo Gommaa 2ffaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad itti dorgomanitti geggeeffamaa jiru haqa-qabeessa – Kaadhimamtoota Paartilee

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Adeemsi filannoo Naannoo Filannoo Gommaa 2ffaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad itti dorgomanitti geggeeffamaa jiru haqa-qabeessa fi diimokiraatawaa dha jedhan Kaadhimamtootni paartilee adda addaa.

Naanoo filannoo Gommaa 2ffaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad itti dorgomanitti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dorgomaa kan jiran kaadhimamtoonni Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa fi kan Paartii Walabummaa fi Walqixxummaa adeemsi filannichaa haqa-qabeessaa fi diimokiraatawaa ta’uu ibsaniiru.

Filannoon barii irraa eegalee geggeeffamaa jiru hojimaatawwan seeraa hordofuun raawwatamaa jiraachuu kaasaniiru.

Lammiileen carraa argame kana karaa haqqaafi diimokiraatawaan itti fayyadamaa jius jedhan.

Naannoo Filannoo Gommaa 2ffaa jala waliigalaan buufataaleen filannoo 87 kan jiran yoo ta’u, kaadhimamaa Paartii Badhaadhinaa ta’anii kan dhiyaatan Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, kadhimamtoonni paartilee afurii wal dorgomaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.