Fana: At a Speed of Life!

Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan sagalee kennan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan filannoo waliigalaa 7ffaan sagalee kennaniiru.

Mirga heera mootummaa fi diimookiraasii qabutti fayyadamuun qaama bakka na bu’uu danda’u filadheera jedhan.

Filannoon sagalee kennuun ijaarsa biyyaa fi sirna diimookiraasiif bu’uura ta’uu eeran.

Mirga heera mootummaa fi diimookiraasii qabnutti fayyadamuun kaadhimamaa bakka nu bu’u bilisummaan filanneerra kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahiim, Itiyoophiyaan hogganaa karaa nagaan filatame barbaaddi jedhuun ibsan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.