Fana: At a Speed of Life!

Taajjabdoonni biyyoota alaa fi biyya keessaa adeemsa filannoo ilaalaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabuuf taajjabdoonni biyyoota alaa fi kan biyya keessaa bobba’uun adeemsa kenninsa sagalee hordofaa jiru.

Gareen taajjabdoota filannoo Dhaabbata Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) buufataalee filannoo Finfinnee keessatti argaman daawwachaa jiru.

Dabalataanis, gareen kun har’a giddugala walitti qabiinsa ragaa taajjabbii filannoo dhaabbatoota hawaasa siivilii kan “Bahibrat Lamircaa” jedhamu daawwateera.

Akkasumas, Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Saamson Biraatuu, Itti-aanaan Daarekteraa Faasikaaw Mollaa fi Pireezidantiin Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen waliin ta’uun sochii hojii giddugala kanaa daawwataniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsa kenneen; hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 39 fi 723 irratti taajjabdoonni walabaa bobba’anii adeemsicha guutummaatti hordofaa akka jiran beeksiseera.

Dabalataanis, buufataalee filannoo kuma 41 fi 978 irratti bakka bu’oonni paartilee siyaasaa dorgomttootaa taajjabdummaan argamuun adeemsicha bilisummaan taajjabaa akka jiran mirkaneesseera.

Gama biraatiin, Gamtaan Dhaabbatoota Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa gabaasa taajjabbii guyyaa kenninsa sagalee buufataalee filannoo irraa ergamaniif ifatti simachuu jalqabeera.

Filannoo waliigalaa kanaaf Gamtaan Afrikaa fi IGAD gareewwan taajjabdoota isaanii Itiyoophiyaa keessatti ifatti bobbaasaniiru.

Haaluma kanaan, gareen taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensota 59 qabu fi Pireezidantii duraanii Keeniyaa Uhuuru Keeniyaataan durfamu hojii isaa kan jalqabe yoo ta’u; IGAD gama isaatiin garee taajjabdoota filannoo miseensota 26 qabu bobbaaseera.

Kanaan ala taajjabdoota idil addunyaa dabalatee, taajjabdoonni biyya keessaa naannoo hundatti hirmaannaa bal’aa gochaa jiru.

Biyya keessatti dhaabbileen siivikii ijaaraman 55 hayyama fudhatanii hojiitti kan galan yoo ta’u, taajjabdoota filannoo kuma1 fi 562 buufataalee adda addaa irratti bobbasaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.