Fana: At a Speed of Life!

Gaa’elaa fi filannoo…

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Magaalaa Hoosaa’inaatti misirreewwan cidharra turan sagalee isaanii kennan.

Magaalaa Hoosaa’inaa ganda Heexoo bakka addaa safara Masjiida jedhamutti Misirroowwan gaa’ela raawwachaa turan buufata filannoo 07tti sagalee kennaniiru.

Guyyaa cidha keenyaan sagalee keenya paartii bakka nu bu’uuf kennuu keenyatti gammanneerra jedhan.

Sagantaalee garaagaraa hedduu qabaatanis sagaleen filannoo ijaarsa biyyaaf murteessaa ta’uu isaan filannoo waliigalaa 7ffaaf dursa laachuun sagalee kennuu isaanii ibsan.

Kanaanis ashaaraa keenya keenyerra jedhan.

Kun nuuf guyyaa seenaa qabeessa jechuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.