Sirni awwaalchaa Artiist Kidaanee Misgaanaaw raawwate
Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC) – Sirni awwaalchaa abbaa ogummaa hundagaleessaa Artiist Kidaanee Misgaanaaw har’a Finfinnee Mana Amantaa Kiristaanaa Amanu’eelitti raawwateera.
Artiisti Kidaaneen dhibee isa mudateen yaalamaa turuun Caamsaa 23, 2018 addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuudha.
Sirni awwaalchaa isaa har’a bakka maatiin, hiriyoonni, jeellewwan ogummaa fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti raawwateera.
Artiisti Kidaanee Misgaanaaw bara 2017 eegalee hanga guyyaan lubbuun boqatuutti Mana Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti tajaajilaa tureera.
Dorgommii Shubbisaa Faanaa 80 jedhamu kan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin qophaa’urratti gorsaa ogummaa ta’uun tajaajilaa ture.
#Oromia #Ethiopia