Fana: At a Speed of Life!

Filannoon waliigalaa 7ffaan naga qabeessa, diimokiraatawaafi sarbamiinsa mirgoonni namoomaa osoo hin raawwatamiin gaggeeffame- Komishinicha

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC)- Filannoon waliigalaa 7ffaan naga qabeessa, diimokiraatawaafi sarbamiinsi mirgoota namoomaa osoo hin raawwatamiin gaggeeffame jedhe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa.

Komishinichi wayita qorannoo sadarkaa jalqabaa ifoomsetti, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hojii hordoffii bal’aa gaggeessuu ibse.

Haaluma Kanaan guyyaan sagaleen itti kennamu karaa naga qabeessa, diimokiraatawaafi sarbamiinsi mirgoota namoomaa osoo hin raawwatamiin darbuu mirkaneesseera.

Komishinarri olaanaan Komishinichaa Birhaanuu Adeelloo ibsa kennaniin, filannichi ulaagaalee idil-addunyaa kan guute, karaa hirmaachisaa fi hammataa ta’een gaggeeffamuu ibsaniiru.

Komishinichi adeemsa filannichaa hordofuuf qophii gahaa gochuu kaasanii, guyyicha gareewwan hordoffii 104 gurmeessuun akkasumas miseensota 320 ol ramaduun buufataalee filannoo kuma 3 ol fi naannolee filannoo 180 olirratti hojii hordoffii hojjechuu eeraniiru.

Gareen hordoffii kun naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti qaamaan argamuun oolmaa filannichaa hordofaniiru jedhan.

Daawwannaa dirree dabalataan gareen hordoffii addaa komishinara olaanaa, komishinaroota itti aantotaafi komishinaroota damee 4’n gurmaa’e waajjira muummeetti kutaa hordoffii taateewwan addaa hundeessuun adeemsa filannichaa itti dhiyeenyaan hordofaa akka ture eeraniiru.

Komiiwwan 104 dhiyaachuu kaasanii, kanneen keessaa 7 odeeffannoo dabalataa kan barbaadan, 4 ammoo adeemsarra kan jiran ta’uufi kanneen hafan furmaata hatattamaa argachuu ibsaniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.