Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni diimookiraasii ammayyaa kan tarkaanfachiisan ta’uu addunyaaf mirkaneessaniiru- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaanonni diimookiraasii ammayyaa kan tarkaanfachiisan ta’uu addunyaaf mirkaneessaniiru jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itiyoophiyaanonni seenaa keenyaan boqonnaa injifannoofi olka’iinsaa haaraa barreessineera jedhan.

Filannoo waliigalaa 7ffaan Uummanni biyyattii karaa naga qabeessaa fi ammayyaa’een gara buufataalee filannoo deemuun biyyi jabduufi birmaduu taate ijaaramuu kan dandeessu fedhii uummataafi filannoo qofaan ta’uu qabatamaan mirkaneessuu eeraniiru.

Kana irraas biyya keenyatti aangoon siyaasaa sagalee uummataan ala filmaatawwan biroon; humnaanis ta’e giddu seentummaan dhufuu akka hin dandeenye baranna jedhan.

Itiyoophiyaanonni garagarummaa kamiinuu karaa nagaan hiikuu kan danda’an fi diimookiraasii ammayyaa kan tarkaanfachiisan ta’uu addunyaaf mirkaneessuu ibsaniiru.

Tokkoon tokkoo lammii qorra, aduu, dukkanaafi sa’aatiiwwan dheeraa hiriiruu osoo hin nuffiin buufataalee filannootti argamuun sagalee kennuun isaa carraa egeree biyyattii murteessuuf dandeettii qabaachuu waan hubateef ta’uu eeran.

Milkaa’ina seena qabeessa kanaaf riifoormiiwwan dhaabbilee waggoottan darban keessa eegalaman qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, dhaabbileen diimokiraasii walabummaan fi jabinaan ijaaraman uummata biratti fudhatamummaafi amantaa uumuun adeemsa ammayyaa har’aaf bu’uura guddaa ta’eera jedhaniiru.

Bu’aan filannoo kanaa maalis ta’ee maal Itiyoophiyaan injifatteetti jedhanii, warreen diigumsa Itiyoophiyaa hawwaa turan sababa filannichaan jeequmsa uumuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa akka turan ibsaniiru.

Fedhiin diinota keessaa fi alaa guutummaatti fashalaa’uus kaasaniiru.

Uummata biyyattii tokkummaa biyyattii kabachiisuun, bilisummaan sagalee isaanii kennan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.