Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad jila Taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabaa ture galateeffataniiru.

Pireezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu keeniyaataa fi jaallewwan hojii isaa argachuu kootti gammadeera jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Jilli Taajjabdoota Gamtaa Afrikaa miseensota 73 hammate kun Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan durfamu adeemsa ijaarsa sirna diimookiraasiif gumaacha taasiseef galanni koo guddaadha jedhen Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

‎Adeemsi ijaarsa dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo ardii Afrikaa wajjin akka walsimu gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee olaanaa qabaachuu kaasan.

Adeemsa filannoo deeggaruuf guutuu biyyoota ardichaarraa taajjabdoota bobbaasuun jilichi filannicha taajjabuun tattaaffii taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kennaa, bu’aa guutuu daawwannichaa ni eegganna jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.