Itiyoophiyaan filannoo nagaa qabeessaa fi bilisaa gaggeessite – Eebbifamoo Abunee Antoonii
Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan filannoo nagaa qabeessaa fi bilisaa gaggeessite jedhan Barreessaan qajeelcha Hariiroo Alaa Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Raashiyaa Eebbifamoo Abunee Antooniin.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen jila Eebbifamoo Abunee Antooniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa maricha ilaalchisee ibsa baaseen, Eebbifamoo Abunee Antooniin filannoo Waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaan dheengadda gaggeessite milkiin xumuramuu isaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo seenaa qabeessaa fi hafuuraa bu’uura qabu qabaachuu eeruun, hariiroon waloo biyyoota lamaanii Kiristaanummaarratti kan hundaa’e ta’uu himan.
Abbootiin Amantaa Itiyoophiyaa dhaabbilee hafuuraa Raashiyaatti barnoota isaanii hordofuun hariiroo dhaabbatummaa fi ummatummaa cimsuuf gargaaruu dubbatan.
Pireezidaanti Taayyeen gama isaaniin, hariiroon biyyoota lamaanii seenaa qabeessaa ta’uu himuun, Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan hariiroo Raashiyaa waliin qabdu guddisuuf murannoo qabaachuu mirkaneessan.
#Oromia #Ethiopia