Naannoleen filannoo bu’aa sagalee buufataalee filannoorraa walitti qabaman ida’aa jiru – boordicha
Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Naannoleen filannoo bu’aa sagalee buufataalee filannoorraa walitti qabaman hojii ida’uu hojjetaa jiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalesaa Itiyoophiyaa.
Boordiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Buufataaleen filannoo hundi bu’aa sagalee yeroo ifoomsuu isaanii Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelatawarqi Hayiluun ibsaniiru.
Bu’aan sagalee buufataalee filannoorraa walitti qabaman naannolee filannootti ida’amaa jiraachuu dubbatan.
Hojiin ida’uu sadarkaa naannoolee filannoo wayita xumurame hojiin mirkaneessuu kan hojjetamu ta’uu dubbatan.
Bu’aa naannolee filannoos gara giddugalaatti dhufuu eegaluu ibsan.
Kanaafis gareen bu’aa filannoo mirkaneessu hundaa’uun leenjii fudhachaa jiraachuu kaasan.
Boordichi bu’aa sagalee waliigalaa yeroo isaa eegee kan ifoomsu ta’uu dubbatan.
Yeroo ammaa boordichi komiiwwan Paartilee garagaraarraa dhiyaatan fudhataa fi ragaalee walitti qabaa jiraachuu himan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia