Finfinnee, Caamsaa 29, 2018(FMC) – Paartiin Badhaadhinaa adeemsa Filnnoo Walii-galaa 7ffaa fi raawwii karoora filannoo paartichaa magaalaa Jigjigaatti gamaaggamuu eegaleera.
Waltajjichi Koreen Biyyaalessaa Qindeessituu Filaannoo fi hoggantoonni paartichaa sadarkaa federaalaa fi naannoolee dhimmichi ilaallatu bakka argamanitti geggeeffamaa jira.
Paartichi akkaataa karoora filannoo waliigalaa 7ffaa karoorfateen raawwii filannoo duraa fi wayita filannoo ture ni madaala, raawwii cimaa fi dadhabaas adda baasa jedhameera.
Filannoon boodas dhimmoota xiyyeeffannaan kennamuufii qabu ilaalchisee kallatti kaa’a jedhamee eegama.
#Oromia #Ethiopia