Bu’aawwan filannoo naannoolee filannoo qaqqabaniiru – Boordicha
Finfinnee, Caamsaa 29, 2018(FMC) – Bu’aawwan filannoo waliigalaa 7ffaa guutummaatti buufataalee filannoo irraa gara naannoolee filannootti galii ta’aniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.
Walitti qabduun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu ibsa kennaniin, waraqaawwan sagaleen ittiin kenname gara giddugalaatti galii ta’aa jiru jedhan.
Naannoolee filannoo kuma 1 fi 138 keessaa naannooleen 825 hanga ammaatti bu’aa filannichaa ifoomsuu mirkaneessaniiru.
Finfinnee dabalatee naannoolee filannoo naannoolee adda addaatti argaman keessatti bu’aalee qulqulleessuufi waliiti ida’uun ammallee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase
#Oromia #Ethiopia