Milkaa’inni badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa cimee ityi fufa – Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Caamsaa 30, 2018(FMC) – Diimokraasii dhugaa misoomaa fi nageenya waliin qindeessuudhaan, mirkaneessi milkaa’inni badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa cimee akka itti fufu pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah beksisan.
Marii fi madaalliin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee, Riizortii Shebeleetti, guyyoota lamaan dabran gaggeeffamaa ture xumurameera.
Obbo Adam Faarah ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin; waltajjicharratti raawwii karoora hojii Paartii Badhaadhinaa hanga guyyaa filannootti ture gadi fageenyaan madaluun, hojiiwwan filannoon booda irrattis hubannoo waloo irra gahameera jedhan.
Boordiin Filannoo, paartilee siyaasaa, humnooti nageenyaa, dhaabbileen taajjabdootaa fi uummatni kutannoo jabaan sagalee kennuuf hiriire milkaa’ina seena qabeessa kanaaf qooda gumaachaniif galata guddaa galchaniiru.
Waltajjichaan cinattis gaggeessitoonni hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwachuu fi milkaa’ina carraaqqii mootummaa naannichaa fi uummataan galmeeffamaa jiru hubachuu isaanii eeraniiru.
Kanaanis, hojii misooma kooridgarii bifa magaalattii guutummaatti jijjiire, Hospitaala Poolisii haaraa humnoota nageenyaaf tajaajila fayyaa olaanaa kennu, akkasumas Tajaajila Giddugala Tokkoo ‘Masob’ daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Jijjiiramni ariifataan Jigjigaatti argame, bu’a qabeessummaa imaammatoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa qabatamaan kan mirkaneessee fi naannolee biroofis fakkeenya kan ta’u ta’uu ibsaniiru.
Waliigalaan, carraaqqii fi kutannoo guddaadhaan diimokraasii dhugaa bu’aalee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenya qabatamaa waliin qindeessuudhaan, milkaa’ina badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessuun cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia