Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiivii misooma Kuduraa fi Muduraa naannoo Oromiyaa…

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara baajataa kana hanga ammaatti Oomishaalee Kuduraa fi Muduraarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 29 argame jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Naannichatti lafti hektaarri kumni 200 fi kumni 40 ol Kuduraa fi Muduraan uwwifamee jiraachuu biirichatti Daayrekterri Misooma Muduraa fi Kuduraa obbo Chaalaachaw Addunyaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 29 ol argamuu ibsan.
Kana keessaa kuntaalli miiliyoonni 8 ol oomisha Avookaadoo ta’uu dubbatan.

Oomishni Avookaadoo kuntaalli kumni 2 fi 400 ol gabaa alaaf ergamuu kaasan.

Abeel Nawaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.