Fana: At a Speed of Life!

Moorawwan Buqqaatoota biyya keessaa fi waraanaatti adeemsi sagalee kennuu guyyaa boruu gaggeeffama – Boordicha

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Moorawwan Buqqaatoota biyya keessaa fi waraanaa, akkasuma buufataalee addaatti adeemsi sagalee kennuu guyyaa boruu gaggeeffama jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 raawwachiisuun ni yaadatama.

Yeroo ammaas bu’aan sagalee naannolee Filannoorraa gara Waajjira Boordichaa dhufuun hojiin mirkaneessuu, argannoo ooditii, akkasuma bu’aalee sagalee mirkanaa’an gara Kuusaa Odeeffannoo galchuu hojjetamaa jira.

Dabalataan hojiin komiiwwan Paartiilee Siyaasaarraa dhiyaatan karaa Yaa’ii Ogeeyyii seeraan gurmeessuu fi walsimsiisuu hojjetamaa jiru.

Gama biroon Boordichi akkaataa Labsii sirna namuusa Filaannoo Itiyoophiyaa, galmee Paartilee Siyaasaa lakkoofsa 1162, 2011 keeyyata 17 tiin aangoo kennameefin Moorawwan Buqqaatoota biyya keessaa fi waraanaa, akkasuma buufataalee addaatti adeemsa sagalee kennuuf filattoota galmeessuun ni yaadatama.

Adeemsi sagalee kennuu kunis guyyaa boruu gaggeeffama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.