Fana: At a Speed of Life!

Kaampiiwwan keessatti filattoonni sagalee isaanii kennaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018( FMC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Caamsaa 24, 2018 Filannoo Waliigalaa 7ffaa gaggeessuun isaa ni beekama.

Boordichi aangoo bu’uura labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaafi naamuusa filannoo 1162/2011 keeyyata 17 irratti kennameefiin lammiilee haala addaan filannoo waliigalaa idilee irratti hin hirmaanneef guyyaa sagalee itti kennan ni mijeessa.

Haaluma Kanaan kaampiiwwan buqqaatota biyya keessaafi waraanaa keessatti buufataalee filannoo addaa hundeesseera.

Kunis jiraattonni kaampiiwwan kanneenii bu’uura galmee filattootaan warreen galmaa’an filannoo waliigalaa 7ffaa irratti akka hirmaataniifi.

Haaluma kanaan lammiileen kaampiiwwan keessatti filachuuf galmaa’an guyyaa har’aa sagalee isaanii kennaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.