Manni Marichaa labsii fooyyessii gumruukaa raggaasise
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 24ffaa gaggeesseen wixinee labsii, labsii gumruukaa fooyyessuuf dhiyaate qorachuun raggaasiseera.
Wixineen labsii kun tattaaffii daldala kontiroobaandii ittisuuf godhamu cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Koreen Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Baajataafi Faayinaansii ibseera.
Adeemsa gumruukaa keessattis haqa qabeessummaan akka mirkanaa’uuf haala mijataa kan uumu ta’uun eerameera.
kana malees misooma indaastirii manuufaakchariingii kan deeggaru; invastimantii kan jajjabeessu ta’uu ibsameera.
Manni Marichaas wixinee labsii kanarratti gadi fageenyaan erga mari’ateen booda labsii lakkoofsa 1425/2018 gochuun sagalee caalmaan raggaasiseera.
#Oromia #Ethiopia