Hojiin Misooma kooriidarii magaalichaa marsaa 3ffaan saffisaafi qulqullinaan hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Hojiin Misooma kooriidarii magaalichaa marsaa 3ffaan saffisaafi qulqullinaan hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen guyyaa har’aa hojiilee misooma kooriidarii marsaa 3ffaa kiiloomeetira 13.4 uwwisan gamaaggamaniiru.
Hojiileen misooma kooriidarii kunneen sararoota koriidarii shaniin qoqqoodamuun hojjetamaa akka jiran eeraniiru.
Haaluma Kanaan:-
👉 Boolee Madaanaalamii hanga Goolaagul (Daandii Boolee Atilaas Addabaabaayii Masqalaarraan Daandii Maganaanyaan walqabsiisu),
👉Goolaagul hanga Embaasii Ingiliz (Daandii Qabbanaa- Magganaanyaa Addabaabaayii Masqalaan Daandii Magganaanyaan walqabsiisu),
👉Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Boolee irraa Meeksiikoorraan hanga Daandii Boolee- Magganaanyaa( Daandii Boolee Atilaas fi Daandii Boolee- Magganaanyaa walqabsiisu),
👉 Impeeriyaalirraa Istaadiyeemii Adeey Ababaan hanga Iddoo Bashannanaa Shaalaa,
👉Huwaa Limaatiirraa gama Atilaas fi Atilaas irraa hanga Boolee Ruwaandaa ( Daandii Boolee- Atilaas fi Daandii Addabaabaayii Masqalaan walqabsiisu) ta’uu eeraniiru.
Hojiileen misooma kooriidarii kunneen daandii imaltoota lafoo babal’aa, daandii biskileetiifi tajaajila geejjibaaf haala mijataa ta’een hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Pirojektoonni kunneen hanga xumura baatii Waxabajjiitti guutummaatti xumuruun tajaajilaaf banaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.