Dirqama Loltummaa Ba’achaa, Mirga Diimokiraasii Fayyadamuu
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018 (FMC) – Kabaja daangaa fi birmadummaa biyya keenyaa eegsisuu cinatti, mirga diimokiraasii keenyatti fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jedhan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaaba-Bahaa.
Filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo addaa Kaampota Waraanaa fi Buufataalee Qubannaa namoota qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii keessatti argamanitti har’a adeemsi sagalee kennuu gaggeeffamaa jira.
Miseensonni Ajaja Kaaba-Bahaa birmadummaa fi daangaa biyyaa kabachiisaa jiran, mirga diimokiraasii isaaniitti fayyadamuun paartii biyyaaf fayyada jedhanii amananiif sagalee isaanii kennaniiru.
Miseensonni raayyichaa yaada kennaniin, dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba’achuu fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf yoomiyyuu qophii dha jedhaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachunnis mirga diimokiraasii isaaniitti fayyadamuun bilisaan filachuu danda’uu isaanii ibsaniiru.
Fuulduraaafis nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee keenya kutannoon ni ba’anna jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia