Fana: At a Speed of Life!

Filmaata manneen jireenyaa dandeettii lammiilee giddugala godhate babal’isuun barbaachisaadha- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Filmaata manneen jireenyaa dandeettii lammiilee giddugala godhate babal’isuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaafi si’ataa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru.

Aadde Caaltuu Saanii daawwannicha ilaalchisee ibsa kennaniin, mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo guddina magaalotaaf kenneen milkaa’inoonni hedduun argamuu ibsaniiru.

Magaalota fakkeenya badhaadhinaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Misoomni kooriidarii Finfinnee dabalatee magaalota 67 keessatti hojjetamaa jiru magaalota qulqulluufi jireenyaaf mijatoo taasisuus eeraniiru.

Magaalotatti rakkoo mana jireenyaa furuuf ministeerichi yeroo jalqabaaf imaammata manneenii raggaasisuun hojiirra oolchuuf hojjechaa jira jedhan.

Dhiyeessii manaa bara wajjiin tarkaanfatuufi fedhii guddinaa lammiilee madaalu guutuuf qindoominaafi kutannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Adeemsa hojimaata baratameen rakkoo dhiyeessii manaa furuun akka hin danda’amne hubachiisanii, filmaatawwan ijaarsaa hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Waggoottan 16 fi 17 darbanitti manneen waliin jireenyaa kumni 100 fi kumni 60 qofti ijaaramuu yaadachiisanii, waggoottan shanan darban keessa manneen miiliyoonni 1 fi kumni 200 ijaaramuu ibsaniiru.

Manneen kunneenis tajaajila lammummaan, hirmaannaa hawaasummaafi filmaatawwan garaagaraan kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.