Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Waggaa sadiif kan karoorfame yeroo waggaa 2 hin caalle keessatti koodaroonni miiliyoona 5 ol sagantaa koodaroota miiliyoona 5’n galma’aaniiru.

Koodaroonni miiliyoonni 5 milkaa’inaan xumuramuu isaatti baga gammaddan.

‎Sagantaan Koodaroota miiliyoona 5 Adoolessaa 16, 2016 kan eegale yoo ta’u, leenjitoonni miiliyoonni 5 fi kumni 5 fi 146 leenjii bu’uuraa xinxaala odeeffannoo, misooma sooftiweerii Andirooyidii, sagantaa Kompiyuutaraa fi hubannoo namtolcheen galmaa’uun miiliyoona 3 ol leenjicha xumuraniiru.

Bu’aan argame kun kutannoo fi dandeettii daangaa hin qabne ummata keenyaaf ragaadha.

‎Boqonnaan seena qabeessa addunyaa dijitaalaa keessatti qophaa’uu jalqabne kun xumura imala keenyaa osoo hin taane, mul’ata biyyaalessaa keenya daran saffisiisuuf ka’umsa nuuf ta’a.

Hanga Baatii Adooleessa 2018tiitti lakkoofsa leenjitoota miiliyoona 7 qaqqabsiisuun galma qabame milkeessuuf lammiileen Itiyoophiyaa hundi qaama galma biyyaalessaa akka ta’an waamicha koon dhiyeessa.

‎Ganni dhufu barattootaaf carraa guddadhaa.

Yeroo isaanii haala salphaan qisaasessuurra galmaa’anii barachuun wayita gara barnootaatti deebi’an barattoota qofa osoo hin taane, hoggantoota dijitaalaa addunyaa irratti beekamtii qaban akka taatan isin gaafadha.

Leenjiwwan kunneen guutumaan guutuutti bilisaan kan kennaman yoo ta’an, waraqaan ragaan isaa ammoo beekamtii idil addunyaa kan qabuudha.

Lammiileen Itiyoophiyaas qaama ergama kanaa akka ta’an waamicha koon dhiyeessa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.