Lammiileen Itiyoophiyaa kumni 1 fi 655 Sa’uud Arabiyaatti hidhamanii turan dhiifamaan akka ba’an murtaa’e
Finfinnee, Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa kumni 1 fi 655 Sa’uud Arabiyaatti hidhamanii turan adeemsi murtii isaanii addaan cituun dhiifamni godhameefii akka gadi dhiifaman murtaa’eera jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Ministeerichi, lammiilee Itiyoophiyaa kanneeniif dhiifamni kan godhame, Imbaasii Itiyoophiyaa Riyaaditti argamuu fi Waajjira Qoontsilaa Jiddaatti argamu qindeessuun carraaqqii dippiloomaasii gaggeeffameen ta’uu ibseera.
Kunis, hariiroo alaa mootummaa dippiloomaasii lammilee irratti xiyyeffateen bu’aa argame ta’uun eerameera.
Dippiloomaasii lammii irratti xiyyeeffate kanaan, dhimmoota Sa’uud Arabiyaa keessatti hafan kanneen carraaqqii dippiloomaasii barbaadan ilaalchisee hordoffiin taasifamaa akka jirus eerameera.
Mootummaan, gocha gowwoomsaa sobaa miidiyaa hawaasummaan deeggaramuun warreen seeraan ala namoota daddabarsan tamsaasan irraa hawaasni of eeguu akka qabus gaafateera.
Gocha daldala namootaa seeraan alaa kana irratti warreen hirmaatan seeraan akka itti gaafatamaniif carraaqqiin jalqabame cimee akka fufu Ministeerichi ibseera.