Gadaan Tuulamaa Alangee dabarsuuf jilarra jira
Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) – Gadaan Tuulamaa sirna wal harkaa fuudhinsa Alangee marsaa 71ffaa Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti dabarsuuf har’aafi boru jila qaba.
Sirni Gadaa Oromoo sirna bulchiinsaa ummataa walqixxummaafi murtii waliinii ijaaruudha.
Sirni kun hawaasa qindeessuu, nageenya mirkaneessuu, akkasumas seerafi safuu hawaasaa tikfachuuf tajaajila.
Gadaan Meelbaa waggoota darban keessatti alangee fudhatee bulchaa ture.
Gadaan Mudanaa (Michillee) ammoo alangee fudhachuuf qophiirra jiru.
Guyyoota darban keessa, lallabbiin wixinee seeraa lallabiifi alangee dabarsuu Gadaa Tuulamaa raawwatamaa ture.
Kunis mootummaa ykn bulchiinsa Gadaa haaraa itti aanu beeksisuu qofa osoo hin taane, hawaasa keessatti nageenya uumuuf, wal-dhabdee furuuf, akkasumas ummata gara duudhaafi safuu isaanii ganamaatti deebisuuf kan akeekedha.
Lallabbiin kun bakka seera itti labsan, jechuun Dhakaa Koraa ykn bakka walitti qabama hawaasaa irratti raawwatamaa jira.
Seerri, ajajnifi mariin uummataa ardaa jilaa dhakaa koraatti lallabama.
Kunis adeemsa ittiin aangoo sirna Gadaa dabarsan keessaa isa murteessaadha.
Sirni Gadaa kun duudhaa Oromoo keessatti bu’uura olaanaa waan ta’eef, nageenya, tokkummaafi safuu hawaasaa irratti gahee guddaa qaba.
Lallabbiin akkasii yeroo hunda hawaasa keessatti hubannoo uumuun, araara cimsuufi nagaa waaraa fiduuf tajaajila.
Hawaasni Lallaba darbu dhaggeefachuun waloomaafi tokkummaa biyyaa, misoomaa fi nageenyaaf akka oolchan abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachiis Taarikuutiin
#Oromia #Ethiopia