Ashaaraan magariisaa ilaalcha “ hin danda’an” jedhu cabse- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ashaaraan magariisaa ilaalcha “ hin danda’an” jedhu qabatamaan cabseera jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaa guyyaa kaleessaa mata duree “Abdii Dhaabuu” jedhuun magaalaa Bishooftuutti eegalchiisaniiru.
Wayita kana akka jedhanitti, Sosochiin Ashaaraa Magariisaa hojii dhiqama biyyaa eeguu qofa osoo hin taane eenyummaa wal’aanuu, xiinsammuu biyyaalessaa ijaaruu akkasumas abdii guddaa dhalootatti darbudha jedhan.
Sagantichi dachee manca’e magariisa uwwisuurra darbee uummanni xiinsammuu tokkoon ida’amee akka hojjetu gochuun humna ida’amuu qabatamaan kan agarsiisu jijjiirama xiinsammuu ta’uu eeraniiru.
Bu’aan Ashaaraa Magariisaa warqee magariisa ta’uus kaasanii, faayaafi qabeenya guddaa akka ta’e ibsaniiru.
Galiin sharafa alaa oomisha bunaarraa argamu guddina galmeessisuun fi sanyiiwwan fuduraalee haaraa beeksisuun milkaa’ina wabii nyaataan argame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Kana malees Ashaaraa magariisaan ilaalcha “ hin danda’an” jedhu qabatamaan cabsuun akka danda’ameefi addunyaan dinqisiifachuu ibsaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia