Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa gaachana qilleensarraa birmadummaa biyyaa kabachiisudha- L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa gaachana qilleensarraa birmadummaa biyyaa kabachiisudha jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensichaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Humni qilleensaa cimaan teeknooloojii ammayyaa hidhateefi biyya weerara diinaafi shira baandotaa irraa ittisu ijaaramuu ibsaniiru.
Raayyaa gootni teeknooloojiin fagaate, xiin –sammuun jabaate, kabaja biyyaaf wareegamuuf qophii ta’eefi diina hadheeffatee jibu ijaaramuus eeraniiru.
Dirqamni jalqabaa hogganaa waraanaa yeroo nagaatti loltoota waraanaaf ga’oomsuu, waraanni yoo mudates injifannoo gonfachuu akka ta’e kaasanii, biyyi kan ijaaramtu raayyaa goota haala ammayyaan gurmaa’e, leenji’e, hiidhateefi gahoomeen ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi waaraan dhaabbata humna qilleensichaa ce’umsa teeknooloojiin, hojimaatawwan leenjii diijitaalaan, akkasumas teeknooloojiiwwan Aviyeeshinii ammayyaa fi hidhannoowwan waraanaan kan dabaalame ta’uu eeranii, kunis dhaabbaticha dhaabbata cimaafi amansiisaa naannawichaa taasisuu eeraniiru.
Gootonni balaliistonniifi teekinishaanonni keenya samii Itiyoophiyaa dammaqinaan eegaa jiru jedhan.
Dhaabbatichi yeroo ammaa xiyyarotaafi helekooptaroota ammayyaan deeggaramuun bobbii qilleensarraa si’ataa fi dandeettii loojistiksii olaanaa ijaaruu ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia