Bernaardoo Siilvaan Riyaa Maadriidiif mallatteesse
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Lammiin Poorchugaal taphataan sarara gidduu Bernaardoo Siilvaan Riyaa Maadriidiif mallatteesseera.
Waggoottaan darban Maanchister Siitii keessatti yeroo gaarii kan dabarse Bernaardoo Siilvaan jijjiirraa bilisaan Kilaba Ispeen Riyaal Maadriidiitti makameera.
Hanga bara Faranjootaa 2028tti kilabicha keessa turuuf waliigaltee mallatteessera.
Riyaal Maadriid waqtii jijjiirraa kanaan Koontee, Kuukuureellaa fi Damfiriisin mallatteessifateera.
#Oromia #Ethiopia