Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaatti duula tajaajila tola ooltummaa Gannaa eegalchiisan
Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti duula tajaajila tola ooltummaa waqtii Gannaa eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, wayita waqtiin Gannaa gahu harki gaarummaa lammiilee keenyaaf diriirsinu goota ta’a jedhan.
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti duula tajaajila tola ooltummaa waqtii Gannaa eegalchiisuu kaasanii, bu’uura diizaayinii qaama sagantaa misooma kooriidarii baadiyyaan manneen 20 naannawichatti kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.
Biyya keenya waloon kaasuu kan dandeenyu tokkoon keenya kaaniif harka keenya yoo diriirsine qofadha jedhanii, Itiyoophiyaanonni hundi hojii kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia