Waancaa Addunyaan taphoonni marsaa 2ffaa har’a itti fufuun ni taphatamu
Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Taphoota marsaa 2ffaa Waancaa Addunyaa 23ffaan har’a Ameerikaan Awustiraaliyaa waliin morkatti.
Tapha marsaa jalqabaan Paaraaguwaay galchii 4 fi 1’n kan injifatte Ameerikaan har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Awustiraaliyaa waliin morkiin taasiftu ni eegama.
Akkasuma halkan sa’aatii 7:00 eegalee Iskootilaandi Moorookoo waliin taphatti.
Halkan 9:30 jalqabee Biraaziil Hayitii waliin yoo falmattu, boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee Turkiyyeen Paaraaguwaay waliin taphatti.
Tapha hanga ammaatti taphatameen Meeksikoon marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteerti.
#Oromia #Ethiopia